ONM-ABO Amajjii 26, 2025
Murni Bilxiginnaa loltoota akka feetee isaa kan kaayyoo lolaniif hin beene, akkasumas eessatti akka dhukaasanii fi eenyu akka lolan illee hin beekne turtii aangoo isaa ittiin dheereffachuuf ajaja dabaa itti kennee kumaatamaan qe’ee uummata Oromootti bobbaasus, mooraan sirnichaa jibbiinsa sanyummaan guutamuu irraan kan ka’e yeroo adda addaatti walii isaanii wal ajjeesaa fi wal madeessaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turreerra.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii magaalaa Fursee keessa buufatanii jiran Amajjii 24, 2025 maqaa sakattaa WBO jedhuun magaalicha keessaa ba’anii iddoo Mudhii Hallayyoo jedhamu wayita ga’an ajajaan raayyaa ittisa Impaayerattii kan sabaan Oromoo ta’e miseensota isaan deemaa jedhee ajaja ariifachiisaa oggaa itti dabarsu, miseensi sabaan Amaara ta’e tokko hin deemnu nuti dadhabneerra jedhee itti deebisuu himan.
Ajajaan kunis miseensa kana kaballaan dha’uun dirqiin akka deemu wayita taasisu, miseensi sabaan Amaara ta’e kun maaliif na dhaanta? jedhee ajajaa sabaan Oromoo ta’e kana rasaasa itti roobsuun yeroo ajjeesu, miseensoonni hafanis ajajaa keenya ajjeeste jechuun miseensa ajajaa waraana PP ajjeese kana rasaasa itti roobsuun ajjeesanii huccuu fi kophee irraa baafachuun reeffa isaa bakkeetti gatanii biraa deemuu maddeen amanamoon keessoo Bilxiginnaa gabaasan.
Ajajaan raayyaa ittisa Impaayerattii miseensa isaan ajjeefame kun reeffi isaa Amajjiidhuma 24, 2025 magaalaa Caffaa Roobititti kan fe’amee fi miseensonni waraana Bilxiginnaa hafanis sabaan wal qooduun akka sareetti qarriffaan wal nyaachaa jiraachuun barameera.

