Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti lukkeeleen Bilxiginnaa walii isaaniif wal reebaa fi hidhaatti wal darbachaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 17, 2025 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti Muddee 14, 2025, caasaaleen Bilxiginnaa wal dhibdee maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduun gidduu isaaniitti uumameen sobaan quba walitti qabuun garmalees wal shakkanii walii isaanii reebaa fi hidhaa kan turan yoo ta’u,wal dhibdee lukkeelee PP gidduutti mudate kanaanis, Komaandera ta’uun sirnicha tajaajilaa kan ture lukkeen PP jiraataa ganda Golboo Arbaa Mahaammad Umar Hamiduu jedhamuu fi jiraataa magaalaa Qiciicoo kan ta’e milishaa PP 

nama maqaan isaa Ahimed Yesuuf jedhamu hidhanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Odeessi mooraa PP magaalaa Qiciicootii miliqee ba’uun ONM dhaqqabe akka ibsutti, ergamaan Bilxiginnaa Komaandera PP turee fi milishaan sirnichaa kun lukkeeleedhuma isaaniin wal dhabuun maqaa hidhata WBO waliin qabduun shakkamanii hidhaman kun reebicha mana hidhichaa keessaa baafatamuun caasaalee isaaniin irratti raawwatameen miidhaan qaamaa fi qalbii hammaataan lamaan isaanii irra ga’uun wayita laafanii of wallaalan mana yaalaa kan geeffaman yoo ta’u, yeroo ammaa reebicha ulfaataa irra ga’eenis miidhamanii yaalamaa jiraachuu addeessan.

Lukkeeleen Bilxiginnaa akeekaa fi kaayyoo jiraataaniif adda baasanii hin beekne, dantaa dhuunfaa qofaan mo’amanii ajaja dabaa gooftaa isaanii Koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun duguuggaa sanyii raawwachuuf qe’ee saba guddichaa fi qulqulluu uummata Oromootti bobbaafamanii hawaasa nagaa goolaa oolan, dhiigni kichuun Oromoo badii malee dhangala’uu, imimmaan harmee Oromoo lakkuu roobee fi roobaa jiruu walitti isaan deebisee yeroo wal nyaachisu ni argina.

Exit mobile version