ONM-ABO Amajjii 21, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun aanota garaa garaa keessatti bobbaafaman maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun Amajjii 10, 2025 jiraataa ganda Waaccootaa irraa nama maqaan isaa Umar Usmaan Umar jedhamu jalaa gaala 13 kan saaman yoo ta’u, yerooma wal fakkaataatti aanichumatti jiraataa ganda Hagomdii kan ta’e nama maqaan isaa Ahimed jedhamu jalaa loon baay’inni isaanii 20 ol fudhatanii deemuu jiraattotni himan.
Gaalaa fi loon namootaa saaman kanneen magaalaa Furseetti geeffachuun hanga Amajjii 21, 2025 kanaatti dallaa mana yaalaa magaalaa Fursee keessatti naqanii beelaan haa dhuman mee nama dhufee irraa banuu fi nu gaafatu ni ilaalla jedhanii beelladoota homaa tokko hin beekne kanneenitti akka waan nama qabataniitti dhaadachaa turuu jiraattotni magaalichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.
Akka maddeen itti dabaluun jedhanitti, namoonni gaalaa fi loon isaanii hattoota murna faashistii PP’n jalaa saamame kunneen qonnaan bultoota ta’uu fi siyaasa kam keessaa illee qooda kan hin qabne ta’uu himuu fi jiraattotni onichaa yeroo ammaa beelladootni beelaa fi dheebuun dararamaa jiraachuun dallansuu guddaa nutti uumeera jechuun dubbatan.

