ONM-ABO Caamsaa 12, 2025
Caamsaa 9, 2025 aanaa Baddannootti milishoonni Bilxiginnaa fi caasaa gandaa haarawwaa kanneen jedhaman rakkoo gidduu isaaniitti dhalateen reebicha hamaa wal irratti raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Keessattuu araddaa Gooroo Wadootti reebicha isaan gidduutti uumameen miidhaa wal irraan kan ga’an yoo ta’u, maddi wal dhabdee isaanii ilmaan hiyyeessaa humnaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu fi dhiisuu irratti maallaqa namoota irraa fudhachuu irratti yoo ta’u, gareen milishotaa “namuma feene qabnee leenjiitti ergina” yeroo jedhan gareen kaan immoo, “warra dhabe maallaqa kaffalchiistan akkasumas keessaa hambisuuf maallaqa irraa fudhanna “jechuun kan walii isaanii reeban ta’uun barameera.
Araddaa kana malees, akkuma aanichaa fi impaayerattiitti ergamtoonni Bilxiginnaa walii galtee dhabuun wal rakkisanii wal hidhuu, wal reebuu, wal ajjeesuu, wal saamuu fi achi buutee walii isaanii dhabamsiisuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ifoomeera.

