ONM-ABO Caamsaa 11, 2025
Bulchiinsa abbaa irree biyya tokkoo keessatti mallattoo kufaatii fi ibsituu dadhabina sirna tokkoo kan ta’e ergamtoonni sirnichaa dantaaf wal dhabdeen garaa garaa caasaa olii hanga gadiitti keessatti mul’achuu yoo ta’u, PP’nis adeemsa hojii keessatti wal mufannaa aangoo fi faayidaa dhuunfaa irratti wal dhabuu, akkasumas kutaa fi lagaan wal qoqqooddaa uumanii walii isaanii irratti ka’uudhaan wal miidhaa jiru.
Haaluma kanaan kaabinoonni aanaa Baatee ganda Warra Waayyuu keessatti hawaasa dararaa turan hundi isaanii aangoo irrattii wal dhabuun hojii krraa wal ari’aa jiraachuun dhaga’ameera.
Sababuma kana irraa kan ka’e warreen haaraan bakka buufamanis ogummaa qabaniin uummaticha tajaajiluuf osoo hin taane WBO balleessina jechuun waadaa galanii waan dhufaniif WBO dhugaaf qabsaa’uu fi laphee uummata isaa keessa jiraatu ammoo balleessuu waan hin dandeenyeef jecha xiyyeeffannoon isaanii WBO balleessuu osoo hin taane maqaa WBO nyaachifte, ati deggaraadha jedhuu fi kkf itti maxxansanii qabeenya hawaasaa barbadeessuu, saamuu, dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuu fi kan barbaadan hidhaatti guuruu fi sanaanis hojii irraa wal ari’uu geggeessu.
Kaadiroonni fi milishoonni yeroo ammaa aangoo irraa ari’aman maqaan isaanii:
- Anuwaar Abbaagar,
- Moommaduu Sayid Itti gaafatamaa waajjira milishaa aanaa Baatee
- Ahimad Muhiddiin Damee siyaasaa paartii badhaadhinaa aanaa Baatee
- Sayyoo Abduu Itti gaafatamaa waajjira siivil sarvisii fi waajjira faayinaansii aanaa Baatee fi
- Huseen Itti gaafatamaa seeftineetii aanichaa yommuu ta’an,
yakki namoonni kunneen hawaasa aanichaa irratti warreen aangoo irratti hafan waliin raawwachaa turanis hedduu ta’us, faayidaa irratti wal dhabuun aangoo irraa wal buusanii jiraachuun barameera.

