Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu keessatti wal dhabdee keessoo Bilxiginnaatti mudateen, kaabinoonni digdamii torbaa ol hidhamuun ifoome

ONM-ABO Fulbaana 8, 2024

Gareen aangoo impaayerattii qabatee maqaa mootummaan of waamu kan ulaagaa mootummaa hin guunne murni Bilxiginnaa tooftaalee garaa garaa fayyadamaa jiru keessaa tokko kan ta’e, godinaalee impaayerattii balleessuudhaan akkuma bara Dargii maqaa Itiyoophiyaa jedhamtu qofa waamsisuu kan jedhu yoo ta’u, garuu kun yaada kufaa ta’uu baruudhaan kaabinootaa fi kaadiroota isaa gidduutti wal dhabdee guddaan uumamaa jira.

Haaluma kanaan, tibba kana godina Wallagga Lixaa aanaa Mana-Sibuu gandoota baadiyyaa mara irratti “caasaa gandaa deebisuu qabdu” yaada jedhu kaabinoota olaanoo PP irraa ajaja darbe, kaadiroonni aanichaa sababa yaada kana kufaa taasisaniif jecha, wal dhabdeen isaan gidduutti uumameen wal qabatee kaabinoonni Bilxiginnaa digdamii torbaa ol hidhamuu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.

Akka maddeen himanitti, namoota hidhaman keessaa kan ammaaf maqaan isaanii adda ba’e:

  1. Nigaatuu Baqqalaa
  2. Waaqkennaa Faradaa fi
  3. Mulaatuu Dastaa kanneen jedhaman ta’uu ibsuun, baay’een isaanii ammoo doorsisni garaa garaa qaamotuma sirnichaan irratti geggeeffamaa waan jiruuf, magaalaa biraatti baqachaa jiraachuus itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Exit mobile version