ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Kaabinoonni Oromiyaatti bobbaafamanii jiran aangoo qabanitti fayyadamuun saamicha hawaasa nagaa irratti raawwachuun bira darbee akka sadarkaa aangoo isaaniitti walii isaanii irratti tarkaanfii ajjeechaa, hidhaa fi hojii irraa wal ari’aa jiru.
Kibba lixa Shaggar magaalaa Buusaa keessatti gaafa Guraandhala 7, 2024 bulchaan godinaa Taayyee Guddisaa fi kaabinoonni godinaa waliin ta’uun itti gaafatamaa waajjira poolisii kan ta’e komaandar Baayisaa fi bulchaa aanaa nama Margaa Nadhasaa jedhamu qabanii hidhaatti galchuu keessa beektonni ONMtti himan.
Akka keessa beektonni jedhanitti Waraana Bilisummaa Oromoo, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi hawaasa aanaa keessanii tasgabeessuu hin dandeenye akkasuma isinu hariiroo waliin qabdu jedhamuun akka mana hidhaatti darban himu.
Karaa bulchaa godinaa naannoo Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa socho’u keessatti uummata ajjeesaatii jiilchaa jedhee warreen kanatti himus, warreen kun ammoo jechi isaa kun waan hin quubsineef akka hidhamanis himan.

