ONM-ABO Waxabajji 17, 2023
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo humna isaa Oromiyaa golee mara keessatti jabeessuun tiksitoota impaayera Itoophiyaa siyaasaa fi waraana jabeessuu irratti hojjechuun garbummaa uummata Oromoo irra bubbulchuu barbaadan irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuu erga jabeessee gandootaa fi magaalota aanota irra darbe godinaalee fi magaalaan Finfinnee raafamaa jirti.
Haala kanaanis sochii jabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba bahaa keessatti geggeessaa jiruun kan rifatan kaabinoonni aanota Arsii bahaa hedduun magaalaa Asallaatti galanii turan.
Yeroo ammaa leencichi humna isaa jabeessuun godinicha keessa socho’uu waan itti fufeef kaabinoonni godinaa fi aanaalee godina Arsii bahaa hedduun magaalaa Adaamaa irraa deddeebi’anii hojjechaa akka jiranii fi gariin mana isaanii dhiisanii hoteela magaalaa Asallaa keessa bubbulaa jiraachuu maddeen ibsanii jiru.
Sababa sochiin WBO jabaachuun humna aanota irra jiran adabee sochii dhorkeef jecha caasaan bilxiginnaa godinichaa magaalaa kana maadheffatanii jiran raafamuu fi hojiin mootummaa sirnaan hojjetamaa akka hin jirre dabaluun ibsaniiru.

