Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Cichitoonni kaayyoo haqaa WBO’n diina kutaalee Oromiyaa cufa keessatti duula duguuggaa sanyii hawaasa Oromoo irratti labsuun uummaticha hiraarsaa jirtu tarkaanfii boonsaa irratti fudhachuun adabaa jira.

Fulbaana 16, 2024 aanaa Zuwaay-Dugdaa magaalaa Kiyaanshoo jedhamu keessatti irree fi gaachanni sabaa WBO’n diina maqaa caasaa haaraa lafa qabsiisuu jedhuun uummata hiraarsaa turte mooraa isheetti itti marsuun rasaasaan akaa’ee baaruudaan macheessuun kasaaraa irraan ga’ee jira.

Tarkaanfii kanaanis loltoota impaayera bututaa utubuuf joortu irraa 9 yoo ajjeesu 13 madeessee magaalaa Kiyaanshoo keessaa baqachiisuun gara magaalaa Haburaatti deebisee jira.

Kaabinoonni lola kanaan wareeruun nuti jiraachuu feena hojii kana hin barbaannu jechuun namootni sadii hojii gadi dhiisanii baqatanii jiraachuun barameera. 

Exit mobile version