ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa godina Baha Shaggar aanota adda addaa keessatti fudhatu jabeessee jira.
Haala kanaanis WBO’n Zoonii Harsadee Fulbaana 11, 2024 galgala sa’a 10:00 hanga 1:30’tti tarkaanfii laalessaa aanaa Booraa fi Dugdaa keessatti fudhatee jira
Aanaa Booraa magaalaa Ombollee fi aanaa Dugdaa ganda Hafaa Raasaa iddoo maagaalaa Oolankomii jedhamtutti tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Mooraa diinaa bakkoota lameenuu irratti baazuqaa fayyadamuun mooraa ishee waliin kan barbadeesse yoo ta’u, hanga Adaamaa, Bishooftuu fi Finfinneetti Bilxiginnaan raafama hamaa keessa seenee jira.
Tarkaanfii aanaa Booraa magaalaa Ombolleetti meeshaa RPG’n fudhateen loltoota 28 battalatti ajjeesuun 35 ol yoo madeessu, loltootni Bilxiginnaa har’a konkolaataa hedduun dhaquun reeffa kaafattee boo’aa awwaaluun barameera.
Aanaa Dugdaa ganda Hafaa Raasaa keeesaatti mooraa diinaa barbadeessuun du’aa fi madoo hedduun adabee jira.
WBO’n tarkaanfii isaa itti fufuun Zooniin Kibbaa godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Dangoo keessatti tarkaanfii Fulbaana 11, 2024 waaree booda sa’a 10:00 irratti fudhateen waraana riphee lolaa 3 ajjeesuun 2 madeesseera.

