ONM-ABO Hagayya 15, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP godina Arsii bahaa keessatti fudhachuu itti fufee jira.
Tarkaanfii dheengadda Hagayya 13, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Natilee keessatti waraana PP paatiroolii tokkoon fiigaa turte irratti jajjabeen WBO fudhateen humna diinaa guutuu barbadeessee qawwee, hidhannoo fi konkolaaticha irraa dhuunfatee jira.
Guyyaa kaleessaa Hagayya 14 ammoo aanuma Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo irraa waraana faashistii PP gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo sakattanaaf ba’an ganda Ulaa Arbaa kan magalattiitti dhiyoo keessatti tarkaanfii fudhachuun humna diinaa irraa 108 ajjeesu 132 madeessuun of duuba deebisee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii jajjabduu aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti fudhachaa jirun waraanni faashistii PP madaa’an hospitaala Hawaasaa fi Asallaatti yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!

