Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa fi Heexosaa  keessatti loltoota PP 100 ajjeessuun 145 ol madeesse

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuun diina du’aa fi madoon adabaa jira.

Kaleessa Hagayya 14, 2023 jajjabeewwan sabaa WBOn zoonii kibba bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii bahaa ona Zuwaay Dugdaa gandaa Ulaa Arbaa fi Ganda Odaa akkasumas aanaa Heexosaa gandaa Aanooleetti lolaa guyyaa gutuu ganama sa’a 2:00 irraa kaasee iddoo sadiiti waraana faashistii PP irratti geggeesseen walumaagalatti ergamtoota sirnicha tiksuuf maqaa sakkatta WBOn bobba’an irratti tarkaanfii haxxeen fudhateen 100 ajjeesuun 145 ol madoo taasisee miseensota raayyaa ittisa impaayeerattii 2 meeshaa guutuu waliin booji’ee jira.

Waraana Abiy Ahimed ajjeefaman keessa qondaaltonni waraanaa ajajaan 1000 tokkoo fi ajajaan 100 tokko akka keessatti argamu barameera.

Lolli Bilisummaa Oromiyaa Mara Keessatti Finiinee Itti Fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version