Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti tarkaanfii fudhachuun diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Sadaasa 19, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo duula Imala Bilisummaa milkeessuuf tarkaanfii Oromiyaa mara keessatti fudhachaa jiru itti fufuun jajjabeen WBO godinaa Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessa socho’u diinaa du’aa fi madoon adabuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Kaleessa Sadaasa18, 2023 korommiiwwan uummaata Oromoo WBO’n zoonii kibba bahaa Oromiyaa cibraan jaal Nadhii Gammadaa aanaa heexosa gandaa Daannisaa Yuuyyaa Mooyyee keessatti waraana PP maqaa araara jedhuu da’oo godhachuun uummaata nagaa irratti saamicha geggeessa turte irratti  haxxee hidhuudhaan haleellaa taasiseen loltoota 15 ajjeessuun 20 madoo dandammii hin qabneen adabee meeshaalee hedduu boji’uun mooraa qabsoo bilisumma Oromoof galchee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa kana diina maqaa araara do’oo gochuun kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa bobbatee uummata nagaa dararaa jirtu irratti tarkaanfii   boonsaa fudhachuun kaayyoo diina ni faleesssa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version