ONM-ABO Sadaasa 7, 2023
Abdii fi wanteen uummataa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Sadaasa 5/2023 zoonii kibba baha Oromiyaatti Cibraan jaal Naadhii Gammaada godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Bookaa iddoo adda Saffaraa jedhamutti warana PP maqaa sakatta WBO jedhun bobbaate irratti uummata nagaa saamichaa fi darara irratti geggessa turte irraatti tarkaanfii haxxee guyyaa sa’a 9:00 irraa hangaa 12:10ti fudhateen loltoota 53 ajjeessuun 90 madoo adabeera.
Ittuma fufuun Sadaasa 5/2023 aanaa Zuwaay dugdaa magalaa Caffee Jilaa jedhamtu halkaan sa’a lama irratti itti seenuun iddoo qubsumaa waraana PPtti lola geggeessuun 15 ajjeessuun 10 madoo tasiisee injifannoon goolabe jira.
WBOn tarkaanfii isaa jabaa itti fufuun Sadaasa 6/ 2023 loltoota PP aanaa Dodotaa irraa gara ganda Bookaa iddoo lola Sadaasa 5 /2023 turetti humna dabalataa waranaa achitti lolameef aanicha irraa akka madoo fi reeffa baasaniif ergamanii ooraalii lamaan dhufaa turan odeessa argachuun WBOn haxxee itti hidhee rukuteen 22 ajjeesee 8 madoo taasisuun imala ishee fashaleessuun of duuba deebiseera.
Lola kanaanis meeshaa hedduu booji’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

