Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti humna diinaa irraa 35 ajjeesuun 22 madeessee meeshaalee waraanaa irraa hiikuu beeksise

ONM-ABO Sadaasa 28, 2024 

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaalee adda addaa keessatti diina dhukkee nyaachisuun ergamtuuwwan sirna dulluumaatti dhukkubbii mataa guddaa uumee jira. 

Sadaasa 16, 2024 aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhuubboo keessatti gugurraaleen Gaara Cilaaloo diina mana barumsaa keessaa barataa ari’uun mooraa godhattee uummata hiraarsaa jirtu itti marsuun rasaasaan akaa’ee loltoota Bilxiginnaa 35 irraa ajjeesuun 22 madeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 10, isnaayippera 1, gumbii 46, raadiyoo quunnamtii 1 fi qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun mooraa ishees abiddaan barbadeesseera.

Humna reebuuf magaalaa Qarsaa  irraa kaate ganda Gujichaa keessatti haxxee itti hidhuun loltoota 11 ajjeesee 7 madeessuun konkolaataa isheen ittiin dhufte lama hojiin ala gochuun baqachiisee gara magaalaa irraa kaateetti deebisee jira. 

Ittuma fufuun cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Sadaasa 26, 2024 galgala sa’atii 2:00 keessa aanaa Zuwaay Dudgaa ganda Adaree Leephoo keessatti mooraa isheen irra qubattee hojii dabaan halkanii fi guyyaa harmee boochisaa jiraattu wardiyyaan sabaa WBO’n itti dhaquun mooraa keessa olii gadi gugsee loltoota 7 ajjeessuun 13 madoon adabee kan gadi hafte mooraa keessaa baqachiisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Cibraan Hambaa Aanoolee waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaate Sadaasa 26, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Gunaa ganda Waasee Waaqan Xeeraa jedhamu keessatti tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen 4 battalatti irraa ajjeesuun 9 madoon adabee jira.

Exit mobile version