ONM-ABO Sadaasa 27, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa aanaalee adda addaa keessatti diinaa dhukkee nyaachisuun dhukkubbii mataa guddaa ergamtuuwwan sirna dulloomaatti taasisee jira.
Haaluma kanaan kaleessa Sadaasa 26, 2024 aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhuubboo keessatti gugurraaleen Gaara Cilaaloo diinaa mana barumsaa barataa keessaa ari’uun mooraa godhattee uummata hiraarsaa jirtu itti marsuun loltootaa rasaasan akaa’ee loltoota Bilxiginnaa 35 irraa ajjeesuun 22 madeessee jira
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 10, isnaayippera 1, gumbii 46, raadiyoo qunnamtii 1 fi qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun mooraa ishees abidda barbadeesseera.
Humna reebuuf magaalaa Qarsaa irraa kaate ganda Gujichaa keessatti haxxee itti hidhuun loltoota 11 ajjeesee 7 madeessuun konkoolaataa isheen ittiin dhufte lama hojiin alaa gochuun baqachiisee gara magaalaa irraa kaatetti deebisee jira.
Ittuma fufuun cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa halkan edaa jechuun Sadaasa 26, 2024 galgala sa’atii 2:00 keessaa aanaa Zuwaay Dudgaa ganda Adaree Leephoo keessatti mooraa isheen irra qubattee hojii dabaan halkaanii fi guyyaa harmee boochisaa jiraattu wardiyaan sabaa WBOn itti dhaquun mooraa keessa olii gadi gugsee loltoota 7 ajjeessuun 13 madoon adabee tan gadi hafte mooraa keessaa baqachiisuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

