ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun bilxiginnaa sababoota garaa garaa itti maxxansuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun adamsee ukkaamsuun ajjeesuu, hidhuu fi saamuun dararuu bakkayyuu itti fufanii jiru.
Lixa Harargee aanaa Doobbaa araddaa Jaalalaa irraa ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun torban lamaan darbe keessa dargaggoo maqaan isaa Abdii Mikaa’el jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni araddichaa ONM’f eeraniiru.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoota hedduu sababa tokko malee maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuu, ajjeesanii gatuu, hidhanii qarshii guddaa gaafachuu fi dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, dargaggoon Abdiin ammoo siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu fi hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee osoo jiraatuu faashistotni PP miidhaa lubbuu isaa galaafate irraan ga’uu dabaluun himaniiru.

