Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Oromiyaa Aanolee garaa garaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024 

Murni faashistii PP adda durummaa koloneel Abiy Ahimediin durfamu kufaatii hamaa kallattii hundaan isatti dhufe of irraa qolachuuf, Oromummaa hadheeffachuu fi lafa irraa balleessuun murtee isaa dhumaa godhachuun raawwachaa fi raawwachiisaa jira.

Aanaa Najjoo ganda Giddaa Maaramii jedhamu keessaa loltoonni sirnichaa Onkolooleessa 13, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Maartaa Yohaannis,
  2. Daawwit Wadaajoo,
  3. Abbayyaa Wadaajoo, 
  4. Mulgeetaa Darajjee jedhaman fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhaatti darbatamanii dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees, godinuma kana aanaa Jaarsoo ganda Guutee Waaqoo jedhamu keessaa guyyuma kana Onkolooleessa 13, 2024 namoota baay’inni isaanii kudhan ta’an kanneen maqaan isaanii:                      

  1. Obbo Yaadataa Nagawoo,
  2. Gammachiis Yaadataa,
  3. Caalaa Abbayyaa, 
  4. Ayyaanaa Ittaanaa, 
  5. Boonaa Tamasgeen,
  6. Caalaa Tamasgeen,
  7. Maarqos Gaaromaa, 
  8. Maaramaa Kooluu,
  9. Solomoon Tooboo fi
  10. Amanuu Taaffasaa kanneen jedhaman badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu qofa itti maxxansuun halkan keessaa toora sa’a 5:00’tti mana isaanii cabsanii seenanii ukkaamsuun  maatii isaanii biraa fuudhanii mana hidhaatti darbachuu isaanii jiraattonni gandichaa himan.

Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa duula sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiru jabaatee jiraachuun beekameera.

Exit mobile version