ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024
Golee Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituu PP sababoota garaa garaa wabeeffachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi dararuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti jiraattota hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Anfilloo ganda Ga’ii jedhamu irraa Onkoloolessa 11, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Dinqaa Naggasaa,
- Maashoo Gidduu fi
- Yaadataa Maammoo kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun loltoonni faashistii bilxiginnaa waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni kunneen qaama siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi hojii qonnaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’an, ergamtoonni bilxiginnaa immoo maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuu himaniiru.

