ONM-ABO Hagayya 22, 2024
Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa ta’e irraan gahaa fi saamicha hamaa geggeessaa kan jiran, Ergamtootni bilxiginnaa kun godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruutti hawaasa nagaa hidhaatti guuruu akkuma itti fufanitti jiraachuun ibsameera.
Loltoonni sirnichaa aanicha keessaa ganda Qakkii jedhamu irraa nama maqaan isaa Kidaanuu Leencoo jedhamu Hagayya 17, 2024 badii tokko malee ukkaamsanii reebicha ulfaataa ta’e erga irratti raawwatanii booda mana hidhaatti darbachuu maddeen keenya itti dhiyoo ifoomsan.
Aanichatti ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee ilmaan Oromoo irratti dararaa hamaa raawwachaa kan jiran ta’uu fi namoonni hedduunis qe’ee fi qabeenyaa isaanii gad dhiisanii baqachaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

