Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruutti jaleewwan Bilxiginnaa shamarran ukkaamsuun hidhaatti darbatan

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Aanaa Haaruu ganda Dullee jedhamu keessatti waraana faashistii PP’n Bitootessa 6, 2025 shamarran maqaan isaanii Abunee Wiirtuu fi Dabalee Wiirtuu jedhaman mana maatii isaanii keessaa qabamuun waajjira poolisii aanichaatti garmalee dararaa hamaa argaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Shamarran kunneen obboleeyyan kan ta’anii fi badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun gaaffii seeraa tokko malee ukkaamsuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda gara mana hidhaatti darbachuun isaanii ibsameera.

Loltoonni dhala namaaf kabaja tokkollee hin qabne kunneen jechootaa fi arrabsoo adda addaan qorqalbii isaanii miidhuun osoo isaan siyaasa kam keessaayyuu hirmaannaa hin qabaatin sobaan yakkuun kan hidhan ta’uun dabalataan eeramee jira.

Hoogganaan murna faashistii PP Abiy Ahimed qaamni poolisii ykn waraanaa kamuu lammiilee akka hin dararree fi adeemsa seeraa malee tarkaanfii akka hin fudhanne jechuun goyyomsaa siyaasaaf haasa’us, shamarran kana dabalatee badii isaanii malee hedduun dararamaa fi namootni akka Daawwat Baqqaanaa ammoo reebichaa fi rasaasaan du’aa jiraachuun impaayera Itiyoophiyaa keessatti baratamaadha.

Exit mobile version