Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun himame

ONM-ABO Fulbaana 24, 2024 

Murni abbaa irree uummata Oromoof naasuu tokko malee akkuma barbaade baadiyyaa Oromiyaa hundatti loltoota isaa dhangalaasee uummata nagaa qe’ee isaa keessaa qabee ukkaamsuun hidhuu akkuma itti fufetti jira.

Haaluma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun himamee jira.

Aanicha ganda Igguu Komis jedhamu irraa Fulbaana 19,2024 shamarran sadii maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun loltoonni sirnichaa shamarran maqaan isaanii:

  1. Asmaraa Margaa
  2. Daftaree Qananii 
  3. Dinqee Margoo jedhaman mana maatii isaanii keessaa qabanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen eeran.

Akka namoonni itti dhiyeenyaan beekan himanitti, shamarran kunneen badii tokko kan hin qabnee fi siyaasa kam keessa kan hin jirre  yoo ta’u, waraana murna nama nyaataa PP’n qabamanii ukkaamfamuun mana hidhaa keessatti dararaa hamaan irra ga’aa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version