Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti saamichaa fi hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Murni bilxiginnaa bara aangoo   koloneel Abiy Ahimed dheeressuuf, yeroo gara yerootti loltoota isaa leenjii fi naamusa waraanummaa ga’aa hin qabne kan garaa isaanii qofaaf jiraatan guutuu Oromiyaatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti hacuuccaa hangana hin jedhamne raawwachaa jiraachuun ni beekama. 

Akka kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti saamichaa fi hidhaan jiraattota irratti loltoota bilxiginnaan raawwatamu jabaachuun uummatni dararaa argaa jira.

Magaalaa kolfee ganda Daandii Budii jedhamu irraa Fulbaana 13, 2024 nama maqaan isaa Eebbaa Baay’isaa jedhamu jalaa waraanni sirna nama nyaataa kun bakka maatiin hin jirretti mana cabsanii seenuun “warqee” dabalatee qabeenya manaa guutuu saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo, miseensuma maatii Obbo Eebbaa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa hin eeramne tokko guyyuma kana loltoonni sirnichaa saamicha erga irratti raawwataniin booda qabanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version