ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuuf halkanii fi guyyaa irriba malee bulan namoota nagaatti maqaa adda addaa maxxansuun miidhaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun beekamaadha.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Ulaa Gaantii jedhamu irraa dhaloota abdii borii kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Girmoosaa Yaadasaa jedhamu Gurraandhala 17, 2025 badii tokko malee mana maatii isaatii gadi baasuun rasaasaan rukutanii ajjeesanii gatuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Kana malees, Gurraandhala 19, 2025 aanichuma keessaa jiraataa ganda Igguu Bochii kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Daawwit Waannaa Jootee jedhamu rasaasaan waadanii akka ajjeesan jiraattonni dabalataan himan.
Akka jiraattotni jedhanitti dargaggoonni kunneen, Oromummaa isaaniin alatti badii tokko kan hin qabnee fi dhaaba siyaasaa kam illee kan hin hordofne ta’uu himuun, aanicha guutummaa fi akkuma impaayerattiitti loltoota sirnichaan gochoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun jiraattota irratti kan raawwatamu isa duraan olitti daran jabaatee jiraachuu dubbatu.

