ONM-ABO Muddee 27, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Saccii keessatti Muddee 24, 2025 waraanni faashistii PP dargaggoo maqaan isa Sambataa Amanuu jedhamu osoo inni karaa deemuu rasaasaan rukkutuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxiluun yeroo ammaa hospitaala bulchiinsa magaalaa Mandii keessatti yaalamaa turee haalli miidhaa isaa jabaachuu irraan kan ka’e bulchiinsa magaalaa Naqamteetti rifeeriin barreeffamuufiin dhaga’ameera.
Akka jiraattonni bakkichaa jedhanitti dargaggoon kun badiis ta’ee yakka tokko illee qabateef osoo hin taane waraanni badii Bilxiginnaa jibbiinsa sanyii uummata Oromoo irraa qabu qofaaf rasaasaan rukutanii jireenya ol-adeemaa kanaas akka dukkaneessan dubbatu.
Loltoonni mooraa waraanaa ganda Saccii keessatti argaman halkan mooraa keessaa bahuun bosonaa fi buna naannoo gandichaa keessa dhokachuun namoota keessayyuu dubartoota buna isaanii funaanuu deeman doorsisuun gudeeduu, dargaggoota qabanii qarshii saamuu fi gochawwan sarbamiinsa mirgoota namoomaa garaagaraas raawwachaa akka jiran itti dabaluun ifoomsaniiru.
Kana malees manneen uummataa irra deemuun dirqiin nyaata nuu fidaa jedhanii gidirsuu, milishummaaf abbootii qabuu, dargaggootas sochii waraanaaf mooraa leenjii kan raayyaa ittisa impaayerattiifis guuraa akka jiran jiraattotni dabalataan addeessaniiru.

