Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha wallaggaa ona Giddaa Ayyaanaatti Waraanni shororkeessaan bilxiginnaa barattuu tokko rasaasan rukkutuun madessuu fi namoota hedduu reebuun miidhaa irraan ga’uun ibsame

Godina baha wallaggaa ona Giddaa Ayyaanaatti Waraanni shororkeessaan bilxiginnaa barattuu tokko rasaasan rukkutuun madessuu fi namoota hedduu reebuun miidhaa irraan ga’uun ibsame.

ONM-ABO onko 25, 2022
Waraanni weerartuu PP Oromiyaa cufa keessaatti bobba’uun ilmaan Oromoo xiqqaa, guddaa, qeerroo fi qarreen utuu hin jedhin ajjeessaa, hidhaa fi rasaasaan rukutee madeessuun miidhaa qaamaa ilmaan Oromoo irraan ga’uu itti fufee jira. Waraanni shororkeessaa Abiy Ahimed kun kaleessa Onkoloolessa 24,2022 godina baha Wallaggaa ona Giddaa Ayyaanaa keessatti barattuu Ayyaantuu Ayyaanaa jedhamtu kan dhalotaan aanaa Kiiramuu taatee osoo isheen barnootaaf gara magaala Naqamtee deemaa jirtu ona Giddaa Ayyaanaa bakka gaara Gichoowootti konkolaataa keessaa gadi buusuun rasaasaan rukutanii madeessuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. Barattuu Ayyaantuun barnoota waggaa 3ffaa yuuniversitii Riiftivaalii irraa Kan barattu yoo ta’uu, erga rukutamtee booda uummanni lafaa kaasuun gara mana yaalaatti kan geessan yoo ta’u haalli fayyummaa ishee yaaddessaa ta’uu barameera. Sabaaba Waranaa Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhun Ayyaantuu erga rukutaniin booda konkolaachisaa reebuun konkolaata harkaa fudhachuu fi imaaltoota irrattis reebicha raawwataniin miidhaa qaamaa qaqqabsiisuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version