ONM-ABO Adoolessa 1, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa ilmaan alagootaa jala fiiguun ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisanii Oromoo hiikkachiisuun ilmaan alagaatti kanneen qawwee hidhanii fi akka waan Oromoof bu’aa buusaniitti halkanii fi guyyaa holola hafarsaa oolan, godina Baha Wallaggaa ona Kiiramuutti dhalattoota Amaaraa 200 ol hidhachiisuun baramee jira.
Ona kanatti namoota sabaan Amaara ta’an magaalaa Agamsaa jedhamu irraa guuranii fidanii 200 ol hidhachiisuun magaalaa Haaroo jedhamu kan qubachiisanii fi “kan magaalaa kana eeguu fi to’atu isaan kana” jechuudhaan tiksitootni bilxiginnaa garmalee jiraattota doorsisaa jiraachuu jiraattonni naannoo sanaa ni himu.
Ergamtootni bilxiginnaa kun, “milishaan Oromoo WBO’tti firoomanii hammaatan” yoo jedhan uummataan immoo “kuni maaloodha?” Jechuun yoo gaafatu tokkoon keessan afaan banannaan isin ficcisiifna” jechuun itti dhaadachaa jiraachuunis ifoomeera.
Dhalattoota Amaaraa ona Giddaa Ayyaanaatti argaman kanneen akka: Andoodee , Angar Guutee fi Alii jedhaman irraa waamanii magaalaa Ayyaanaa qubachiisanii jiraachuu namoonni ijaan argan ni dubbatu.
Onoota akka: Limmuu, Haroo Limmuu fi Eebantuu keessattis hidhattoonni hiddaan Amaara ta’an jiraattota irratti miidhaa gurguddaa qaqqabsiisaa jiraachuu isaanii isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

