ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Baha Wallaggaa aanaa kiiramuu ganda Siree Dorroo jedhamutti Waxabajjii 22, 2025 hidhattoonni Amaaraa Faannoon nama maqaan isaa Obbo Gaddafaa Bongaasee jedhamu galgala keessaa sa’a 1:00 irratti mana isaatii qabuun bifa suukkaneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Itiyoophiyaa diigamte teenyee arguu irra dursinee dhumuu filanna jechuun kan dhaadatan hidhattoonni kunneen, har’as dantaa qabsaa’aniif kan hin qabnee fi bilisummaa isaan dhabanii barbaadanis kan hin jirre yoo ta’u, akka isaan qawwee kaasanii ilmaan Oromoo irratti qabsaa’aniif kan tumse mataa murna Bilxiginnaa kan ta’e koloneel Abiy Ahimed ta’uun beekamaadha.
Sababni yeroo jalqabaatiif humnoota finxaaleeyyii Amaaraa kanneen maqaa faannoo jedhuun of waaman gurmeessuun barbaachiseef kaayyoon isaa inni bu’uuraa qabsoo hidhannoo waraanni bilisummaa Oromoo zooniilee Oromiyaa mara, keessattuu Zoonii giddu galaa keessatti taasisu sochii WBO ittiin danquuf akka ta’e ni beekama.
Kunis ta’uu kan danda’eef sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo zooniilee waraanaa cufatti jabaatee yommuu argamu, keessattuu zoonii giddu-galeessaa, Lixa, akkasumas Kaaba irratti xiyyeeffachuun maqaa waraana bilisummaa Oromoo ittiin of irraa dhorkitu jedhuun qawwee hidhachiisuun isaa kan dagatamu miti.
Koloneel Abiy Ahimed gochoota saamichaa fi ajjeechaa Faannoon Amaaraa uummata Oromoo irratti raawwachaa jirtu osoo harka keessaa qabuu, har’a immoo gocha isaa kana haalee of qulqulleessuuf jecha finxaaleeyyii Amaaraa kanneenii wajjin akka waan diinummaa wal irraa qabaniitti miidiyaa isaaniitti ol bahuun maqaa wal xureessanii soba dhugaa fakkeessuun uummata Oromoo afaan faajjessuuf yaalaa jiru.

