Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa irraa hidhattoonni Amaaraa harka bilxiginnaan meeshaa hidhatan hiikkachuu diduun himame

ONM-ABO Muddee 23, 2024  

“Kan firaaf eelee hin dhaabne, ormaaf eegee dhaabdi” jedhee akkuma Oromoon mammaaku, ergamtoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo fagootti diinomfachaa ifatti immoo finxaaleeyyii Amaaraa daangaa ce’anii dhufan kanneen Faannoo jechuun of waaman gargaaruun meeshaa waraanaa hanga funyaaniitti itti hidhuun caasaa isaanii kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ijaaraafii kan turanii fi itti jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo godina Baha Wallaggaa aanaalee adda addaa irraa hidhattoonni Amaaraa harka bilxiginnaan meeshaa waraanaa hidhatan yeroo ammaa kana immoo bilxiginnaan “hiikkadhaa!” jennaan hin hiikkannu jedhanii diduun barame.

Finxaaleeyyiin Amaaraa kun “waa’ee meeshaa waraanaa hin qoosnu” jechuun deebisanii bilxiginnaatti qoosaa kan jiran yoo ta’u, namoota isaan keessaa Bilxiginnaa waliin ta’uun irraa hiikuuf meeshaa akka hiikkataniif irratti hojjechaa jiran irrattis tarkaanfii fudhachaa jiraachuun barameera.

Akka maddeen himanitti, hidhattoonni kunneen aanaa Kiiramuu irraa diddaa isaanii bilxiginnaa irratti raawwachuun hiikkachuu ejjennoon didaa kan jiran yoo ta’u, aanicha keessaa bakka Baaginii fi Cabbii jedhamu irraa hiikkachuu diduu fi dhaadannoo adda addaa dhageessisaa akka turan maddeen dabaluun himaniiru.

Exit mobile version