Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa  ona Kiiramuutti finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon uummata ganda Dubbuq buqqisan

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon bishaan Mormor ce’uun dhufanii Oromiyaa waan hundaan dureettii taate gaafa argan galuu kanneen kakatan, uummata Oromoo yeroo adda addaatti yakka gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachuun qe’ee fi qabeenya isaarraa godaansisuun dararaa hamaa geggeessaa jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa ona Kiiramuutti akkuma duraan uummata irratti yakkoota gara jabinaa raawwachaa turan finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon, gaafa Waxabajjii 1, 2024 ganda Dubbuq jedhamu irraa uummata buqqisuun mana jiraattotaa gubanii lubbuu namoota hedduu ajjeesuun isaanii himameera.

Qabeenya jiraattota hedduu saamuun horii isaanii qalachuu kan himan jiraattonni kun, barsiisaa magaalaa Kiiramuu irraa barsiisu kan maqaan isaa Ayyaanaa Asaffaa Abdiisaa jedhamuu fi namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu ajjeesuun isaaniis ifoomeera.  Uummatni ganda kanaa kana duras finxaaleeyyii kanaan buqqa’uun baqatanii bakka biroo kan turanii fi yeroo ammaa immoo mootummaan maqaa araaraan deebisee qubachiisuun hiraarfama kana argaa jiraachuu dubbachuun, murni bilxiginnaa finxaaleeyyii waliin waliigalee isaan buqqisuu dubbatu.

Yeroo ammaa kanas qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun harka namaa ilaalaa kan jiranii fi gandoota ollaatti baqatanii jiraachuu isaanii jiraattonni buqqa’an ONM’f yaada kennaniin addeessaniiru.

Exit mobile version