ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025
Murni duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru Bilxiginnaan, ergamtoota isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun haala duraan barameen olitti yakkoota garaa garaa irratti raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Akka kanaanis Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa irraa kaleessa Waxabajjii 20, 2025 jiraataa maqaan isaa Usmaa’il Harahaa jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun waajjira poolisii magaalaa Waldayaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam irraa walaba yoo ta’u, jaleewwan sirnichaa ammoo maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu dubbatu.

