Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota hidhuu fi dararuu hammeessan

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugoo araddaa Haqaan Jiraataa ganda Qu’ee Golaa keessaa Onkoloolessa 30, 2025 tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Muqaddam Mahaammad,
  2.  Jibriil Mahaammad fi
  3.  Usmaan Ibraahim 

kanneen jedhaman badii seeraa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Murni afaan qawweetti amanu Bilxiginnaan hidhaa fi ajjechaa uummata nagaa irratti raawwatu akka tooftaa bulchiinsaatti kan lakkaawwatuu fi akka mala ukkaamsaatti kan tilmaamu yoo ta’u, kutaalee Oromiyaa cufa keessatti qonnaan bultoota maqaalee garaagaraa itti moggaasuun yakkee hidhaa, saamicha, ajjeechaa, gubaatii manneenii fi kanneen biroo irratti geggeessaa jira.

Akka maddeen himanitti, qonnaan bultoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa “qarshii 5,000 kaffaltanii Lukkuu bituu diddan” jedhu qofaaf hidhamanii jiraachuu dubbatu.

Gareen faashistii koloneel Abiy Ahimadiin durfamu Bilxiginnaan yeroo adda addaatti jaleewwan isaa kumaatamaan aanaalee Baha Oromiyaa hundatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakka garaa garaa raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Exit mobile version