ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii ganda Amuumaa Booree iddoo addaa Bulachee jedhamutti dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii:
- Boonaa Yaazachoo Fufaa fi
- Jaallataa Taammanaa Dheeressaa jedhaman
Bitootessa 16, 2025 sababa tokko malee suuraa Waraana Bilisummaa Oromoo bilbila keessan keessatti argine jechuun waraanni maafiyaan PP rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Uummata nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’e hidhee, saamee, ajjeesee qe’ee irraa godaansisuun jabina kan itti fakkaatu gara jabeessi dhala namaaf kabajaa tokko hin qabne koloneel Abiy Ahimed guutuu Oromiyaa keessatti caasaalee isaa bobbaasuun ajjeechaa fi hiraarfama jiraattota irratti hammeessuun aanaa Boojjii Dirmajjii keessatti saamichaa fi hidhaa geggeessaa jira.
Bara bulchiinsa nama nyaataa Bilxiginnaa keessa nagaan ba’ee galuu mitii mana isaa keessattiyyuu mirga lubbuun jiraachuu sarbamaa kan oolu uummanni Oromoo ergamtootaa fi saamtota waraana impaayerattii kaayyoo namummaa tokko hin qabneen balleessaa tokko malee dararaa hamaa fi akkaan ulfaataa keessummeessaa jira.

