Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii keessatti dargaggoon tokko bakka mana cidhaatii waraana maafi’aa PP’n qabamuun ajjeefame

ONM-ABO Ebla 1, 2024

Ajjeechaan Oromoo irratti raawwatu haala hamaan  itti fufuun namoonni nagaan haala suukkanneessaan ajjeefamaa jiru.
 
Bitootessa 29, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii ganda Agaloo Faalikaa jedhamu keessatti waraanni maafi’aa PP dargaggoo ganda  Didibbee Toolii irraa mana cidhaa firoota isaatii deeme, dargaggoo maqaan isaa Roobeeraa Shifarraa jedhamu yakka tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesuun himame.
 
Roobeeraan dargaggeessa umurii 18 akka ta’ee fi hawaasa isaa keessatti jaalala guddaa kan qabu ta’uu jiraattonni  himuun, hirmaannaa siyaasaa tokko malee maqaa hidhata WBO qabda jedhuun ajjeefamuu dubbatu.
 
Ajjeechaan akka sabaatti Oromoo irratti xiyyeeffatamuun jumlaan haala dhaabbataa ta’een itti fufuun duguggaa sanyii akka ta’e ifaa ifatti mul’achaa waan jiruuf, gochi kun jireenya keenya yaaddesseera jechuun jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version