ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Murni qabsoo Qeerroo fi Qarreen hedduun itti aarsaa ta’an butuun gara aangootti ba’e bilxiginnaan, afaan cululuffatee akka waan uummataaf dubbatuutti fakkeessuun socho’us guyyaa tokkoofillee hawwasichaaf boqonnaa osoo hin kenniniif saamaa, ajjeesaa fi gocha farrummaa irratti raawwachaa turuun beekamaadha.
Haaluma kanaan Fulbaana 4, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Dirmajjii ganda hidhabuu Xobbiitti bobba’uun, nama maqaan isaa Galataa Sadii jedhamu jalaa sangaa tokko jalaa fudhachuun isas yoo hidhan, Ilfituu Hundeessa, ilma ishee Dagaaga Galataa, Dastaa Tamasgeen fi Firomsaa Yoonas kanneen jedhaman gara mana hidhaatti fuudhanii deemuu maddeen ifoomsan.
Rakkoo waraanni murna PP uummata nagaa irratti raawwachaa jiruun uummanni hiraarfamaa jiraachuun saamicha, hidhaa fi gochootni suukkanneessaa danuun irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni irra deddeebiin himachaa turan.

