ONM-ABO Bitootessa 5, 2025
Waraanni Koloneel Abiy Ahimed saboota akka dararaaniif bobbaasaa jiru guyyuu dachee Oromiyaa qe’ee boo’ichaa fi watwaannaa taasisuu itti fufanii jiru.
Jiraataa aanaa Boojjii Coqorsaa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Awwalee Abudee jedhamu jimaa daldaluun kan jiraatu Bitootessa 1, 2025 ganda Jammoo Tussee keessatti waraanni garboomfataan PP jimaa nuuf kenni jechuun gaafatanii oggaa inni didu ilaalcha WBO qabda jedhanii ukkaamsuun halkan keessa sa’a 4:00 gubbaatti ajjeesuun himameera.
Dargaggeessa ajjeefame malees gandicha keessaa namoonni danuun ukkaamfamuun bulchiinsa magaalichaatti hidhamanii kan jiran yoo ta’u, doorsisaa fi dararaan haalaan ulfaataanis irra ga’aa akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

