Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa keessatti waraanni faashistii PP namoota sadii ajjeessan

ONM-ABO Hagayya 9, 2023

Dheengadda Hagayya 7, 2023 irraa eegaluun murni faashistii PP maqaa sakatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun lixa Oromiyaatti waraana isaa mooraa irraa gara gandootaatti bobbaasuun, namoota nagaa ajjeessaa fi qabeenyaa barbadeessaa turan.

Dheengadda Hagayya 7, 2023 kana godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Faaniyee keessatti barattoota maqaan isaanii GarramuuTakiluu, Saamu’el Tamasgeen fi Gammachuu Kabbadaa kan jedhaman daandii gubbaa irratti qabuun badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessan.

Ilmaan Oromoo kun  dhalatanii kan guddatan aanaa Saasiggaa ganda Dangalii Goongoo yoo ta’u, Garramuun barataa Yuunivarsitii waggaa 1ffaa, Gammachuun qormaata kutaa 12ffaa xumuree kan jiru yoo ta’u, Saamu’el ammoo barataa kutaa 11ffaa ti.

Dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 fi 19 ta’an kun guyyaa dheengaddaa toora sa’a 11:00tti ajjeefamani.

Kun kanaan osoo jiruu, waraanni faashistii PP godinoota Wallaggaa arfan keessatti kaleessa irraa qabuun maqaa sakatta’iinsaan bobbaafaman kun  ganda keessa qaxxaamuran maratti ajjeechaan alatti saamichaa fi reebicha namoota nagaa irratti raawwachaa akka jiran barameera.

Exit mobile version