ONM-ABO Hagayya 19, 2023
Oromoonni biyya Oromiyaa keessatti Oromummaan yakkamuun guyyaan ajjeefamaa kan oolan yoo ta’u, Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabiitti jiraataa magaalaa Wanjoo kan ta’an Obbo Lijaalem Fiqaaduu fi ilma Oromoo yuunivarsitii Jimmaa irraa eebbifamee hojii dhabee qe’ee jiru Abdannaa Jamaal Mardaasaa kanneen jedhaman, dheengadda Hagayya 17, 2023 magaalaa Wanjoo keessatti badii tokko malee humnoota shororkeessaa PP tiin ajjeefaman.
Oduuma wal fakkaatuun dargaggoo Baarkee Mootii kan jedhamu, Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu jiraataa ganda Bariitii kan ta’e, kaleessa Hagayya 18, 2023 bakka Malkaa Diimoo jedhamutti waraanni mootummaa PP rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru.
Baarkeen dhimma mataa isaaf karaa deemaa otoo jiruu waraanni itti dhaquun homaa otoo hin gaafatin dhukaasa itti banuun ajjeesanii kan deeman yoo ta’u, Baarkeen yakka dalagee osoo hin taane Oromummaan yakka ta’uu isaati jedhu jiraattonni gandichaa.
Akkasumas, Godina Arsii bahaa ona Zuwaay Dugdaa keessatti dargaggoo Maammush Tilmoo Haajii Danbii jedhamu Ganda Sheeladiitti kan dhalate kaleessa Hagayya 18, 2023 magaalaa Ogolchoo naannoo Biiroo Ileetii jedhamutti rasaasa waraana faashistii bilxiginnaan rukutamuun ajjeeffame.

