ONM-ABO Fulbaana 8, 2023
Gochoonni bara wayyaanee keessa daldaltoota Oromoo dadhabsiisuuf Obbo Mulunee Kaakkaafaa irratti raawwatamaa ture, bara biltsiginnaa keessas bifa addaan itti fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Laaloo Wanjoo keessaa daldaltoota hedduutti maqaa garaa garaa maxxansuun, kaadirootni PP mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun dhagaa’ame.
Haaluma kanaan aanaa laaloo Assaabii ganda Laaloo Wanjoo keessaa daldaltoota maqaan isaanii Kaffaalee Bantii, Mitikkuu Kumarraa fi Asnaaqee Nagaraa jedhaman dabalatee, ilmaan Oromoo hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’uun ofiif maatii isaanii jiraachisan hedduun WBO waliin hariiroo qabdu akkasumas ni tumsitu jechuun turtii yeroo dheeraatiif mana hidhaa keessatti rakkoo ulfaataa argaa jiraachuu maddeen himan.
Hidhamtoota kanneen keessaa addatti ammoo namni Obboo Kaffaalee Bantii jedhamu bara Wayyaanee irraa eegaluun manneetii hidhaa garaa garaa keessatti gidiraa argaa kan ture yoo ta’u, addatti ammoo akka lakkoofsa impaayerattiitti bara 2012 loltoonni PP WBO gargaarta jechuun qabanii waggaa tokkoof mana hidhaa keessatti hiraarsaa turuun, Manaa fi qabeenya isaas gubanii barbadeessuu maddeen dubbatan.
Akka maddeen dabaluun ibsanitti, namicha kana jalaa tibba manni isaa gubatetti heyyamni daldala bunaas faana gubachuun waan ittiin hojjetee jiraatu dhabee haga hardhaatti rakkachaa kan turee fi bunaa fi midhaan ardabni hedduun akkasumas warqeen haadha warraa isaatii gatii guddaatti tilmaamamu gubachuu kan himan yoo ta’u, haga dhiyeenya qabanii mana hidhaatti darbatanittis hidhaa dhaabbii hidhuun akkanni ganda laaloo Wanjoo keessaa ba’ee eessayyuu hin dhaqnee fi guyyaa guutuu qe’ee isaa keessa akka ooluuf mallatteessisuun waggaa lamaa ol bifa kanaan hiraarsaa turuus addeessan.

