Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti ergamtootni bilxiginnaa maatii qabsaawotaa hidhuu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 21, 2024

Bilxiginnaa fi ergamtoonni isaanii godinaa hanga aanaatti jiran sodaa lubbuu isaanii fi saamichaaf jecha namoota nagaa ”ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun hidhaa hanga ajjeechaatti guutuu Oromiyaa keessatti  jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti maatii qabsaawotaa hidhaatti guuruun jabaatee itti fufee jira.

Aanicha ganda Walanee Leemmuu jedhamu irraa Hagayya 15, 2024 nama maqaan ishee Aadde Likkituu Assaffaa jedhamtu badii tokko malee ilma keetu bosona jira jechuun waraanni maafiyaa PP qabanii hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, Aadde Likkituun maanguddoo ganna 50 yoo ta’an, armaan duras irra deddeebiin maqaa ilma isaaniif hidhamanii dararamaa turuus itti dabaluun ibsan.

Exit mobile version