Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti waraanni faashistii PP hawaasa wal-gayii baasuun meeshaa hidhachuun WBO’tti duuluu qabdu jechuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Hagayya 21, 2024

Aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Daarbas jedhamutti  Hagayya 19, 2024  kaabineen PP fi milishaan waliin bobba’uun qonnaan bulaa walga’ii dirqamaan waamuun meeshaa hidhattanii waraana Bilisummaa Oromoo loluu qabdu jechuun jiraattota hiraarsaa akka turan ONM’tti himaniiru. 

Jiraattonni ganda Daarbasis nuti maatii qabna siyaasa keessa galuu hin barbaannu jechuun wal-ga’ii geggeeffame irratti mormii akka kaasan Jiraattonni kan himan ogguu ta’u, jaallattanis jibbittanis hidhachuun loluu qabdu jechuun dirqamsiisanii hojii loltummaatti akka bobbaa’aniif dargaggootaa fi jaarsolii hedduu akka mallatteessisan beekameera.

Waraanni akka feeteen bilxiginnaa shiftummaa isaanii hawaasa irratti kan agarsiisan guyyaa wal-ga’ii yaasan kanas namoota hedduu irratti reebichaa fi doorsisa akka geggeessan kan himamu yoo ta’u, aanaan Gudayyaa Biilaa nageenya aanichaa mirkaneessuun akka  godina Baha Wallaggaatti baadhafamnee jirra kanaaf ammas cimnee hojjechuu qabna jechuun namoota nagaa akka ajjeesaniif dhaadachaa akka turanis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version