ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Bilxiginnaa fi ergamtoonni isaanii godinaa hanga aanaatti jiran sodaa lubbuu isaanii fi saamichaaf jecha namoota nagaa ”ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun hidhaa hanga ajjeechaatti guutuu Oromiyaa keessatti jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti maatii qabsaawotaa hidhaatti guuruun jabaatee itti fufee jira.
Aanicha ganda Walanee Leemmuu jedhamu irraa Hagayya 15, 2024 nama maqaan ishee Aadde Likkituu Assaffaa jedhamtu badii tokko malee ilma keetu bosona jira jechuun waraanni maafiyaa PP qabanii hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, Aadde Likkituun maanguddoo ganna 50 yoo ta’an, armaan duras irra deddeebiin maqaa ilma isaaniif hidhamanii dararamaa turuus itti dabaluun ibsan.

