ONM-ABO Hagayya 21, 2024
Dhaabni ABO-WBO dirree irratti waraana siyaasaa fi waraanummaa jabaa akkasumas bulchiinsa sirrii miseensota waraanaa fi uummata keessa socho’uuf kennu oomishuuf mooraa leenjii Warana Bilisummaa Oromoo zooniilee garaagaraa keessatti leenjii qondaaltotaa kennee bobbaasaa jira.
Haaluma kanaan kaleessa Hagayya 20, 2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa miseensota WBO ulaagaa adda addaan calaluunii fi warreen hooggansa sadarkaa garaagaraa irra jiran mooraatti deebisuun leenjii qondaalummaa ykn bulchiinsa waraanaa kennuufiin hojii isaaniitti deebisee jira.
Leenjii kana keessatti barruulee siyaasaa, loluu fi lolchiisuu, bulchiinsa waraanaa, qabiinsa hawaasaa, impaayerattii fi fedhii qaamolee adda addaa irratti barnootni gadi fagoon kennameeraaf.
Leenjitootni barnoota kennameefitti gammaduun dirree irratti diina uummata Oromoo irratti akka xiyyeeffatanii fi uummata Oromoof ammoo gaachanaa fi abdii bilisummaa akka ta’an waadaa isaanii haaromsaniiru jechuun gabaasni Ajajaa Zoonii Giddu Galeessaa Jaal Abdii Dhugaa irraa nu ga’e ni addeessa.








