ONM-ABO Adoolessa 8, 2024
Akka guutuu Oromiyaatti caasaan bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti bananiin Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun qabanii manneen hidhaa cufatti guuruun kan cimee itti fufe yemmuu ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa gandoota adda addaatti hawaasa nagaa hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan, Waxabajjii 29, 2024 ganda Gonka Ijaa jedhamurraa namoota maqaan isaanii:
- Tasfaayee Goraashii
- Taarikuu Caalaa
- Mulunaa Abdannaa fi
- Soorii kanneen jedhaman “deggertoota WBO’ti” jechuun badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Dabalataanis, onichuma ganda Aliitoo Waradii jedhamurraa immoo namoota maqaan isaanii Tamasgeen Amsaaluu fi Moosisaa Farajaa jedhaman “WBO’f qawwee laattan” jechuun hidhanii dararaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

