Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Sulultaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 14, 2024 

Dhumni bara aangoo isaa bara kufaatii bulchiinsa Dargii Mangistuu Hayilemaariyaam waliin kan wal fakkaatu Koloneel Abiy Ahimed, loltoonni isaa bakka deeman maratti Qawweee harcaasuu, harka kennachuu, uummata nagaa saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Kutaa bulchiinsa magaalaa Sulultaa bakkeewwan adda addaatti wayita ammaa murni garboomfataa PP kufaatii hamtuu gama maraan isa mudatee jiru irraa of baraaruuf jecha jiraattota saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin humnaan ukkaamsuun maqaa “leenjii gaachana sirnaa” jedhuun leenjisaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees tarkaanfii yeroo darbe gootichi WBO Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar aanaa Waacaalee keessatti fudhateen rifatuu guddaa keessa seenuun murni Bilxiginnaa magaalicha keessaa milishoonni fi poolisioonni federaalaa waliin ta’uun halkan halkan sochii gochaa kan bulan ta’uu fi miseensonni tokko tokko ammoo sodaa nageenyaa qaban irraa kan ka’e halkan ba’uu diduun wal dhabdee cimaan keessoo isaaniitti illee uumamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version