Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa mana Kaabinootaa jedhuun qabeenya jiraattotaa mancaasuu fi saamuu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 21, 2025 

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Meexxii Abbayyii keessatti yeroo ammaa ergamtoonni maafiyaan PP naannoo waajjira gandaatti kaabinoota haaraa gandichatti ergamaniif mana galmaa ijaarra jechuun baargamoo jiraattotaa beenyaa tokko malee ciranii mancaasuun ittiin ijaaraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kaabinoonni Bilxiginnaa haaraan gara ganda Meexxii Abbayyiitti ramadaman kunneenis qawwee qabatanii gara qabeenya hawaasaatti bobba’uun, “yoo diddan mataa isin irraa facaasna” jedhanii sodaachisuun baargamoo isaanii jalaa muraa kan jiran ta’uun eeramee jira.

Namoota baargamoon isaanii jalaa murame keessaa muraasni:

  1. Jamaaliddiin Abbaa Diggaa,
  2. Madab Abbaa Maccaa,
  3. Abduu Abbaa Luleessaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’uun barameera.

Kana malees, yeroo ammaa aanicha keessatti dhiheessii gosa garaa garaa hawaasni gandoota baadiyyaa irraa gara magaalaatti geessee gabaaf dhiheessu ergamtoonni sirnichaa bakkeewwan addaa addaatti qaraxa kaffalaa jechuun dararaa kan jiran yoo ta’u, akka fakkeenyaatti Jimaa kiilo giraama tokkotti qarshii 30 fudhachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version