ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa hordofuun dinagdee ilmaan Oromoo irratti miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, godina Arsii aanaa Siraarootti baargamoo jiraattotaa gaaffii tokko malee ciruun mana gandaa ijaarsisaa jiraachuun himamee jira.
Aanaa Siraaroo gandoota akka: Torban Asawwee, Billaacha Lamaan, Dongoroo, Onooboo Qoonqichaa fi kanneen biroo hedduu keessaa lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa jalaa gaaffii tokko malee nama tokko jalaa baargamoo hanga 20 muruun mana gandaa ijaarsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, loltoonni sirnichaa kunneen jiraattota hunda jalaa osoo hin gaafatin baargamoo muruun mana gandaa ijaarsisaa kan jiran ta’uu himuun, gochi qabeenya namootaa irratti gaaffii tokko malee raawwatu kun dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uus itti dabaluun himan.

