ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne geessisaa kan jiran, afaaniin akka waan hawaasa fayyadaniitti holola itti afarsuun erga gara hooggansaatti dhufanii as immoo waan ilmaan namootaa irratti ta’ee hin beekne geessisaa jiru.
Aanaa Suudee ganda Nagayaa fi Ashiira Qeerransaa jedhaman irraa ergamtoonni Bilxiginnaa dirqamaan mana gandaa ijaarsisaa jiraachuun ibsameera.
Torban darbe irraa eegaluun ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa dararuu akka ciminaatti lakkaawwachuu kan baran gandoota kanneen irraa qarshii, meeshaalee fi muka akka fidaniif jiraattota dirqamsiisuun mana tokkotti:
- qarshii 5,000-7,000,
- baargamoo muka 7-7 fi
- humna isaaniin akka waajjira gandaa dirqamaan ijaaraniif hiraarsaa kan jiran ta’uu jiraattotni ONM dubbise himanii jiru.
Gandoota aanichaa biroo hedduu irraa illee haaluma wal fakkaatuun maqaa “waajjira gandaa” jedhuun hiraarsaa ulfaataa argaa kan jiranii fi sababa kanaan saamichi hamaan irratti qaqqabaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

