ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025
Aanaa Abbay Coomman ganda Hoomaa Kulkulaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattonni manneen gandaa ijaaruuf meeshaalee fi muka akka fidaniif dirqamsiisaa jiraachuu maddeen ONM’f himanii jiru.
Ganda sana irraa ka’uun gara gammoojjii deemanii fageenya dheeraa irraa muka ittiin mana ijaaran akka guuraniif dirqamsiisuun, humnaa fi qarshii jiraattotaa dantaa siyaasa Bilxiginnaaf oolchaa jiraachuun barameera.
Gandoota aanichaa biroo hedduu irraa illee haaluma walfakkaatuun maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuun dararaa ulfaataa argaa kan jiran yoo ta’u, sababa saamichi irratti hammaateenis namootni naannicha gadhiisanii deemaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
