ONM-ABO Botootessa 21, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Waltaasis Abbaa Cabsiitti jaleewwan Bilxiginnaa torban darbe irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen hawaasa irra hedduun ofiifuu waan nyaatee bulu rakkatu irraa qarshii 1,000 dirqiin irraa funaanaa jiraachuu jiraattonni araddichaa ONM’f himanii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa gandicha keessatti namoota kaffaltii jedhame kaffaluuf humna dhabanii fi ofuma isaaniif iyyuu jiraachuuf harka namaa irraa gargaarsa eeggatan hunda gara jabina guddaan dirqamaan kaffalchiisaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsamee jira.
Kana malees, jaleewwan Bilxiginnaa caasaa gandaa haarawaa jedhamanii murna Bilxiginnaan ganda irratti ramadaman Bitootessa 19, 2025 araddicha keessaa mana barumsaa Abbaa Cabsii jedhamutti walitti qabuun waajjira gandaa humnaan dhoqqee dhiituu, bishaan guuruu fi muka fiduun akka ijaaraniif dirqamsiisaa jiraachuun himamee jira.
Murni garboomfataan Bilxiginnaa ijoollee kabajaa fi naamusa hin qabne dirree leenjiitti guuree akka isaaf ta’utti leenjisee hawaasa nagaatti bobbaasuun gara jabummaa hamaa raawwataa jira.

